Arbanyooch Ginboot Sabaat tarkaanfii kaabaa Gondoor Aanaa Wagaaraatti fudhateen loltoota mootummaa ajjeesuun saanii dhaga’ameera

Tarkaanfiin kun kan fudhatame miseensoota Raayyaa ittisa biyyaa, Miliishoota fi Pooliisii irratti akka ta’e ragaaleen himameera. Tarkaanfii itti fufinsaan fudhatameen hidhattoonni mootummaa baay’een bakkicha gadi dhiisuun akka dheessaan beekameera.
Arbanyooch Ginboot Sabaat tarkaaanfii fudhate kanaan loltoonni mootummaa sadii yoo ajjeefaman kan hafan erga mana yaalaa gahan booda kan du’an akka jiran himameera.
Tarkaanfii Kaabaa Gondaar Aanaa Wagaaraa Magaala Gadabiyeetti wajjiraa pooliisii irratti fudhatameen wajjiricha irra miidhaan akka gahe beekameera.
Miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa fi poolisoonni haleellaa kana ofirraa ittisuuf dhukaasa waan jalaqabaniif sagaleen dhukaasaa daqiiqaa 45 dhaga’amaa akka ture himameera.
Tarkaanfii Arbanyooch Ginboot Sabaat fudhate kanaan loltoonni sadii waan ajjeefamaniif akkasumas kan hafan immoo waan naanniichaa baqataniif hogganaan Komand Poostii Godinichaa akka malee dallanuun isaanii himameera.
Hogganaan Komand Poostii haleellaa kana booda walgahii hatattaamaan waamuun Ajaaja miseensoota pooliisii farra waaraana riphe-loltootaa fi hoggantoota garee raayyaa ittisaa biyyaa hojii irra akka ittisan himameera.
Miseensoonni Arbanyooch Ginboot Sabaat tarkaanfii kana fudhatan ergama isaanii xumuruun gara bakka dhufaniitti akka deebi’an himameera. Gama Arbanyooch ginboot Sabaatiin garuu miidhaa qaqqabee ilaalchiisee waanni jedhame hin jiru.
Oduu walfakkaatuun Naannoo Gondar dhiyeenya magaala Makisanyiitiitti bakka Dangulaa Chincaayee jedhamutti riphe loltoota Arbanyooch Ginboot Sabaat haleelluuf tarkaanfii loltoonni mootummaa fudhataniin miseensoonni loltoota mootummaa baay’een wayita miidhamaan hogganaan loltoota mootummaa Abbaabaa Taakkalaa jedhamu akka ajjeeffame dhaga’ameera.
Achuma Gondariitti Loltoota mootummaa aanaa Liiboo Kamkaam ganda Fandiiqaa mana barnoota fi buufata fayyaa keessa qubatanii jiran irratti qabsa’oota Arbanyooch Ginboot Sabaatiin tarkaaanfiin akka irratti fudhatame himameera.
Dhaabbilee kanniin irra balaan gaheera. Hidhattoonni Mootummaa waayyaannee lubuu isaanii bararuuf jechaa dhaabbilee ummataa mana jireenya isaanii gochuun akka itti fayyadaman odeeffannoo naanniichaa nu gahe ni mul’isa