Ammaas Lammiileen Itoophiyaa biyya isaanii irratti namoota biyya alaatiin ajjeefamuun itti fufeeti jira.

Guyyaa Kamisaa namoota konkolaataan ajjeefaman lama biratti lubbuun nama 13 ajjeefamuun barame.
Baqattootni Biyya Suudaanii kanneen Naannoo Gambeellaa Mooraa baqattuu Jawwii ja’amtu keessatti qubsuma baqattummaa argatanii jiraatan lammiilee biyya Ithoophiyaa 13 haala suukanneeysaan waraanaa fii habaleen tumanii cicciranii haala suukanneessaan akka ajjeesan jiraattonni naannoo warri ijaan argan Raadiyoo VOA dame afaan Amaaraa tiif haala nama suukanneeysuun ibsaniiti jiran.
Balaa tanaan yo xiqqaate namoonni 10 madaawanii haala hamaa keessa waan jiraniif lubbuun namoota ajjeefamanii dabaluun akka malu herregameera.
Gosti Murlee biyya Suudaanii daangaa biyaa Itoophiyaa qaxxaamuranii lammiilee Itoophiyaa 230 oli ajjeesanii osoo torbaan hin gahin ammaas lubbuun lammiilee Itoophiyaa 13 namoota alagaatii ajjeefamaniiru.
Baqattootni biyya Suudaanii kanneen koola goltummaa argatanii biyya Itiyoophiyaa jiraatan sababaa konkolaataan tokko baqataa 2 ajeeseef jecha lubbuu lammiilee itoophiyaa 13 ajjeesaniiru.