Ajjeechaan lammiilee nagaa irratti loltoota mootummaan raawwatame qulqulleeffachuuf gaaffii Dhaabbanni Mootummota Gamtomaanii fi Gamtaan Awurooppaa dhiyeessaan Mootummaan Itoophiyaa akka hin fudhane mirkaneesseera.

Gaaffii Dhaabbanni mootummoota Gamtomanii fi Gamtaan Awurooppaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatame qulqulleeffachuuf dhiyeese Mootummaan Itoophiyaa akka hin fudhane Minstirri Muummee Hayilamariyaam Dassaleeny gaaffii deebii BBC wajjiin taasisan irrati mirkaneessaniiru.

Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee loltoonni motummaa lammiilee nagaa ajjeessuu fi dhiitta mirga namaa raawwachaa turaniiru.
Yakka ajjeechaa fi dhiitta mirga namoomaa loltoota mootummaan raawwatama kana qaama walabatiin qulqulleeffamee namoonni yakka raawwatan seeraatti akka dhiyaatan dhaabbileen laman gaafacha turaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qaama bilisaa waan ta’eef rakkoo jedhame kana ni qorata jedhan. Komishiniiniicha mootummaa Itoophiyaatu hundeesse waan ta’eef dhiibaa mootummaa irra bilisa ta’ee yakka raawwatame kana ni qorata jedhame akka hin abdatamne dhaabbileen mirga namoomaaf falmaan shakkaniiru
Mormii Ummata Oromoo waggaa 2 oliif ture wajjiin walqabate lammiileen nagaa 700 ol loltoota mootummaan akka ajjeeffaman dhaabbanni Human Right Watch beeksiisuun ni yaadatama.
Komishinaariin Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtomaanii Zayiid Raadii Al-Huseen loltoonni mootummaan naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti namoota nagaa mormiif bahaniirratti kallattiin dhukaasaa akka turan dhiyeenya kana beeksiisaniiru
Labsiin yeroo hatattamaa dhiyeenya kana ji’oota afuriif akka dheerefamu taasifame tasgabbii fidaa akka jiru Ministiriich BBCtti himaniiru
Lammiileen kumatamatti lakkawaman yeroo ammaas hidhamanii akka jiranii fi seeraatti akka dhiyaataniis dubbataniiru
Gareen koomaand poostii labsii yeroo hatattamaa hordofu namoonni kuma 5 ta’an hidhamanii akka jiranii fi seeraatti akka dhiyaatan beeksiise ture
Yeroo ammaas Kutaalee biyyaatti tokko tokko keessatti tasgabbiin waan hin jireef labsiin yeroo hatattamaa ji’oota Afriif akka dheerefamu murta’uun isaa ni yaadatama.