Addi Bilisummaa Biyyaaleessa Ogaadeen fi Arbanyooch Ginboota Sabaat wajjiin hojjachuuf waliigalaniiru

Rakkoolee Siyaasaa , Diinagdee fi Hawaasummaa lammiilee Itoophiyaa irra gaha jiru furuuf wajjiin qabsa’uuf akkasumas humnoota jijjiirama Itoophiyaa biroo wajjiin qindominaan hojjachuuf waliigaltee irra akka gahan ibsa basaniin himaniiru
Addi Bilisummaa Biyyaleessa Ogaadeen fi Arbanyooch Ginboot sabaat marii guyyoota sadiif Firankfart Jarmaaniitti mari’ataniin haala yeroo Itoophiyaan keessa jirtu gadi fageenyaan akka ilaalan ibsa gareen lamman wajjiin basan irrati himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa Waayyaaneen hogganamu Itoophiyaa keessatti rakkoo cimaa fida jira jedhaniiru.
Rakkoon ummata Itoophiyaa furmaata akka argatuuf gareewwan lamaan adda durumaan waan hiriiraniif, humnoon dimokirataawa biroo isaan wajjiin akka hojjataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaan Dhimma Alaa Adda Bilisummaa Biyyaleessa Ogaadeen Abdurahimaan Mahaadii fi Hogganaan Arbanyooch Ginboot Sabaat Pirofesaar Birhaanuu Naggaa waliigaltee kana wayita wajjiin mallaatteessan hawaasa addunyaaf akka isaan gargaaruuf waamicha dhiyeessaniiru
Hoggantoonni kunniin ibsa wal wajjiin basaniin Lotoonnii , Pooliisoonni fi Hojjattoonni dhaabbata nageenyaa ummataa isaanii ajjeessuu fi dararuu irra akka of-qusatan gaafataniiru.
Loltoonni Mootummaa Ummata isaanii dararu irra humnoota jijjiirama maddii dhaabbachuun gahee isaanii akka gumaachan waamicha dhiyeessaniif jiru.