Abbootii seeraa mana murtii olaanoo federaala sadii Parlaamaan gaggeese

Seera mootummaatiif amanamoo miti kan jedhaman abbootii seera mana murtii olaanoo federaalaa sadii angoon isaanii paarlaaman irraa ka’e.

Sirreeffama seera mootummaa, walqixxummaan sab-lammoota hin kabajamne gaaffii jedhuu fi waan biraan kan himataman abbaa seeraa tokko dabalatee abbootiin seeraa sadii parlaamaan hojiirraa isaan hari’e.

Abbootiin seeraa hojii isaanii irraa mana mareetiin akka ka’an taasifaman Obboo Gizaachoo Mitikuu, Obboo Habtaamuu Milkii fi obboo Abrehaa Texaamqee yemmuu ta’an; abbaan seeraa Obboo Giraachoo Mitikuu seeri mootummaa akka fooyya’uuf irra deddebi’ani gaafachuu isaanitiin ala Itoophiyaan miseensa mana murtii addunyaa kan hin taaneef mootummaan yeroo hedduu mirga dhalanamummaa waan cabsuuf akka itti hin gaafatamneef jedhaniiru jechuun yakki irraatti dhihaateera.

Abbaa seeraa mana murtii olaanaa federaalaa kan ta’an obboo Gizaachoon muffii dhiittaa mirga namummaa dhiheesanitti dabalataan biyyitti keessatti walqixxummaan sabaa fi sab-lammii hin kabajamne jedhanii ibsuun isaanii hojii irraa har’atamuu isaanitiif ka’umsa ta’uu manni maree bakka bu’oota uummataa murtee irratti himuu dhaabbileen sub-quunnamtii gabaasaniiru.

Obboo Habtaamuu Milkiin ammoo amanamummaa mana murtii irratti dhiibbaa guddaa uumaniiru jedhamanii abbaa Seerummaa isaanii irraa hari’atamaniiru.

Obboo Abrehaa Texemqee rakkoo hanqina naamusaatiin hari’atamuu isaanii hubatameera.

Manni maree bakka bu’oota uummataa biyyattii keessati haala qabiinsa mirga namummaa irratti rakkoowwan jiran dhiheessan jedhuun abbootii seeraa hojii irraa yemmuu geggeessu yeroo jalqabaa ta’uun himameera.