Abbootii Qabeenyaa Warshaa huccuu biyya Tarkii lama liqii qarshii biliyoqona tokkotti dhiyaatu Mootummaa Itoophiyaa irraa liiqeeffatan osoo hin kaffalin biyyaa bahan.

Abbooti Qabeenyaa biyyaa Tarkii laman hojii invastimantii warshaa Uccuutiif baankii misooma Itoophiyaa irraa birrii akka liiqeffatan himameera.
Baankiin Misoomaa Itoophiyaa namoonni laman kun biyyaa akka hin baaneef qaama dhimmii ilaalatuu gaaffii dhiyeessee turee. Yaa ta’u malee, gaaffiin baankich dhiyeesse hatattaamaan deebii waan hin arganeef namoonni laman gara Tarkiitti akka deebi’an beekameera.
Abbooti qabeenya Tarkii Sayifatiin fi Imaam Altiinbaa jedhaman liiqii mootummaa irra argataniin kampaaniin Eeliisii Addis Indistiriyaal jedhamu magaalaa Adaamaatti hundeessan. Warshaan kun waggaa shaniin dura omishaa akka jalqabe gaazexxoonni biyyaa keessatti maxxanfaman gabaasaniiru
Warshiich waggaa darbee kaffaltii tajaajila humna ibsaa birrii miiliyoona afuritti dhiyaatu waan hin kaffaleef tajaajil humna ibsaa akka jalaa addaan citee beekameera
Warshaan kun kaffalittii liqii baankii misoomaa Itoophiyaa irra liiqeffate akkaata waliigalteen kaffalaa akka jiree xalaayaan huubachiisuu bareeffameef akka ture ogeessoonni baankichaa himaniiru
Humni Omishuu warshiichaa dhibbeentaa 95 irra gahuus warshichi omishaa isaa sababa hin beekamneen gara biyyaa alaatti erguu akka hin dandeenye hogganaan Komunikeshiinii Institiyuutii Industiirii Uccuu Itoophiyaa Obboo Bantihuun Gassaassaa dubbatniiru
Abbooti warshaa mootummaa irraa birrii miiliyoona 900 liiqeffatanii fi taksiin hin kaffalamnee akka irra jiru himameera.
Kana malees abbootiin warshiichaa biyyaa waan bahaniif dhaabbileen jibrii warshichaaf dhiyeessan 10 birriin gara miiliyoona 20 akka isaaniif hin kaffalamnee wajjiira Ministira Muummeetti himataniiru
Abbootiin warshichaa cheekii baankoota biraatti fudhatama hin qabne Dhaabbileen jibrii dhiyeessaniif kennaa akka turaniis dhaabbiileen kunniin Mootummaatti himataniiru
Abbooti Warshaa Uccuu laman biyyaa osoo hin bahiiniin duraa mashinoon warshiichaa tajaajila akka hin kenniinee taasisanii beekameera. Mootummaan Ogeessoota biyyaa alaatii fiduun rakkoo mashinootaa akka fure hubatameera
Baankiin Misooma Itoophiyaa Warshaa kana birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 29 gurguruuf caal-baasii akka baasee beekameera. Warshaan kun waliigalatti hojjattoota kuma tokko akka qabu gabaafameera .