Abbaan Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukii Itoophiyaa Galii hanga amma waliitti qabuuf karoorfate keessa birrii biiliyoona 20n hanqina akka qabu beekameera

Abbaan Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukaa Ityoophiyaa maallaqaa galii waggaa kana keessa birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 73 ol waliitti qabuuf akka karoorfate himameera.
Abbaan Taayitichaa ji’oota kudhan keessatti birrii biiliyoonaa 100 fi biiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfate ture.
Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa obbo Kabbadaa Caanneen gabaasa dhiyeessaniin ji’oota kurnaan darban keessa galiin walitti qabu danda’ame birri biiliyoona 100 fi biiliyoona 13 fi miiliyoona 56 akka ta’e beeksiisaaniiru.
Galiin waliitti qabame kun karoora gadi birrii biiliyoonaa 20 fi miiliyoona 49 hanqina akka qabu himaniiru.
Galii walitti qabame keessaa dhibentaa 57.8 galii biyya keessaa irra kan walitti qabame yoo ta’u kan hafe immoo qaraxa daldala alaa fi taaksii irra akka ta’ees hogganaan kun himaniiru.
Galii biyyaa keessa walitti qabuun sadarkaa foyyaa’aa irra akka jiruu ta’uus, galiin daldalaa addaunyaa irra waliitti qabamaa jiru garuu ammaas sadarkaa gadii aanaa irra jira jedhaniiru.
Mormii Ummataa fi labsii yeroo hatattamaa mootummaan labsee galii biyyaattiin damee adda adda irra argatu lamisheessuun diinagdee biyyaatti burajajeessa akka jiru ogeessoonni diinagdee ni dubbatu.
Keessattu labsiin yeroo hatattamaa labsamee jiru damee Turiziimii irratti dhiibbaa guddaa uumuun maallaqa sharafa biyyaa alaa damee kana irra argamu baay’ee akka hir’ise yeroo adda addaa gabaafameera..