Abbaan Taayiitaa Immigireeshinii Moozambiik lammiilee Itoophiyaa seeraan alaa gara biyyaatti seenaan 24 gara biyyaatti akka deebise beeksiseera

Lammiileen Itoophoiyaa to’aannoo pooliisii jala turan kunniin magaalaa Finfinneetti wayita ka’an viisaa dogongoora qabatanii akka ture gaazeexxaan Daily Nation qondaltoota nageenya waabeffachuun gabaaseera
Bifuma walfakkatuun, ji’a darbee keessa lammiileen Itoophiyaa dogongoraan daangaa biyyaatti qaxxamuraan jedhaman 13 qabamanii gara biyyaatti akka deebifaman ni yaadatama
Lakkofsi lammiilee Itoophiyaa yeroo adda addaa gara Afriikaa Kibbaatti baqatan dabalaa akka jiru himameera
Lammiilee Itoophiyaa yeroo gara gara Moozambiikiitti qabamanii hidhaman malee Maalaawii Taanzaniyaa fi biyyoota ollaa biroo keessatti hidhamanii akka jiran ragaan Dhaabbata Baqqatoota Addunyaa ni mul’isa
Qondaltoonni Moozambiik lammiilee Itoophiyaa Finfinneedha Viisaa dogongoora qabatani dhufan jechu malee Viisaa kana eessaa akka argatan odeeffannoo dabalataa hin kenniine jedhameera.
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee lammiileen Itoophiyaa baay’een gara biyyoota birootti baqachaa akka jiran dhaabbanni Baqattoota Addunyaa beeksiseera.