Abbaan Alangaa Federaalaa Mirgi Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamne morme

Manni Murtii Federaalaa Itti-Aanaa hogganaan Paartii Kongirasii Federalawa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka idileen akka himataman erga murteesse guyyoota muraasa lakkofsiseera.
Yakki Idilee akka ittin himataman jedhame kun mirga wabii kan ittisu waan hin taaneef garaa abukatoonni isaaniin mirgaa wabii obboo Baqqalaa akka kabajamuuf mana murtiichaa gaafataniiru.

Abbaan Alangaa Federaalaa gamasatiin,mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa akka hin kabajamneef mormeeera
Abbaan Alangaa dhalattoota Oromoo ragaalee sobaan himatu gaaffii mirga wabii Obbo Baqqalaan dhiyeeffataniif kana sababoota adda addaa dhiyeessun mormaa akka jiru himameera.
Manni murtichaa dhimma Obboo Baqqalaa Garbaa qorachuu wayita jalqabe hanga dhimmichi furmaata argatutti mirgi wabii isaanii ittisamee mana hidhaa keessa turanii akka hordofaan ajaje ture jechun abbaan alangaa yaada mormii dhiyeesseera.
Dhimmii ittin himataman hanga furmaata argatututti mana hidhaa yaa turan fi yakki itti himataman jijjiiramuun dhimmichi furmaata argate jechu waan hin taaneef gaaffii mirga wabii akka mormu abbaan alangaa beeksiseera.
Kana malees Obboo Baqqaalaa Garbaa garee biroo biyyoota alaa jiraatan wajjiin walitti dhifeenya waan qabaniif mirga wabiin mana hidhaatii yoo gadi dhiifaman biyyaa bahuu akka danda’an abbaan alangaa himeea.
Abukaatoonni Obboo Baqqalaa Garbaa gama isaanitiin, isaan nama teessoo dhaabbataa qaban, nama maatii bulchan akkasumas yakkii ittiin himataman mirga wabii kan dhorkachiisu miti jechun mormaniiru
Murtiin badii raawwachuu osoo isaaniitti murta’ee yakkii ittiin himataman adabbii hidhaa laafaa waan ta’eef, mirgi wabii isaanii kabajameef dhimma isaanii akka hordofan gaafataniiru.
Manni murtichaa gaaffii fi mormii kana qoratee murtii kennuuf gaafa Adooleessa 26/2009tti beellameera.